Nuti Eennyu

Waldeyni Ulamaa’ii Oromoo, Qophii Islaamaa kan Beekkomsa (TECHNOLOGY) Addunyaa guddoo tana akkaan qooda irraa fudhatee Qunnamtii Hawaasa Oromoo Muslimaa jabeeysu.

Kaayoo Teenya

  • Walitti qabuu waan waraabamee Barnoota (Duruusa) fii Gorsowwan adda addaa kan Amantii Islaamaa afaan Oromootiin.
  • Bakka Barnoonni Amantii Islaamaa itti kennamu hundatti akka waraabamu gargaaruu
  • Dhaloota jalaa olka’u amantii Islaamaaratti guddisuu fii Burqaa Beekkomsa karaa amantii islaamaatti irkisuu.
  • Hawaasa Oromoo Muslimaa , Islaamumaaratti tokko godhuudhaa fii adda babahuurraa tiysuu.

Manni Waldaya Ulamaa’ii Oromoo kheenya khun Nama hundaafuu banaadha heera haqa facaasuuratti sanuma qofa.

Manni kheenya khun Nama yaama; gargarbahuu lakkisuuratti jidduu Sheekkanii tii fii Tajaajiltoowan Amantii Islaamaa hunda waan nuti Ummata tokko kan Nabi Muhammad (SAW) jala hogaanamnuu fii Manbultiin teenya Qur’aana taateef jecha.

Rabbiin Oltahe nije’e

وَٱعۡتَصِمُواْ بِحَبۡلِ ٱللَّهِ جَمِيعً۬ا وَلَا تَفَرَّقُواْ‌ۚ وَٱذۡكُرُواْ نِعۡمَتَ ٱللَّهِ عَلَيۡكُمۡ إِذۡ كُنتُمۡ أَعۡدَآءً۬ فَأَلَّفَ بَيۡنَ قُلُوبِكُمۡ فَأَصۡبَحۡتُم بِنِعۡمَتِهِۦۤ إِخۡوَٲنً۬ا وَكُنتُمۡ عَلَىٰ شَفَا حُفۡرَةٍ۬ مِّنَ ٱلنَّارِ فَأَنقَذَكُم مِّنۡہَا‌ۗ كَذَٲلِكَ يُبَيِّنُ ٱللَّهُ لَكُمۡ ءَايَـٰتِهِۦ لَعَلَّكُمۡ تَہۡتَدُونَ

Cufti keeysanuu haada Rabbii qabadhaa; gargar hinbahinaa. Qananii Rabbiin isiniratti qananiise yaadadhaa yaroo dur nyaapha walitti taatan kan duuba qananii Rabbii tiin walitti obboloomtan kan qalbii teeysan walitti booharsee obboloowan isin godhe, kan achi dura afaan ibiddaratti taatan duuba irraa nagaya isin godhe. Akkuma kanatti mallatoowan keenya gargar isiniif baafna akka isin qaceeltaniif.

Karaan Keenya

Karaan keenya gadi dhaabataa dha raga Qur’aanaa tii fii Sunnaa Rasuulaa jala deemuuratti; Gosummaa, Biyyummaa fii tuutaan gargar bahuu dhiisuu waliin. Ammallee, Kheyrii facaasuuratti walgargaaruu fii wal maddii dhaabachuu karaa beekomsa adunyaa guddaa (TECHNOLOGY) tiin.